Garaagarumma foyyeeffata "Eebbisaa Addunyaa" gidduu

Wikipedia irraa
Content deleted Content added
Tumsaa (dubbadhu | gumaacha)
No edit summary
Tumsaa (dubbadhu | gumaacha)
No edit summary
Sarara 1: Sarara 1:
{{Artistii‎|
{{Saayintistii‎|
| Maqaa = Eebbisaa Addunyaa
| Maqaa dhalootaa = Eebbisaa Addunyaa
| File = [[File:EbisaAdunya.jpg|thumb]]
| File = [[File:EbisaAdunya.jpg|thumb]]
| Ogummaa = Weellisaa, walaleessaa fi sabboonaa
| Biyya = [[Itoophiyaa]]
| Guyyaa dhalootaa =
| Guyyaa dhalootaa =
| Bakka dhalootaa = [[Dambi Doolloo]], [[Itoophiyaa]]
| Bakka dhalootaa = [[Dambi Doolloo]]
| Guyyaa du'aa = Hagayya 30, 1996
| Guyyaa du'aa = Hagayya 30, 1996
| Bakka du'aa = [[Finfinnee]], [[Itoophiyaa]]
| Bakka du'aa = [[Finfinnee]]
| Ogummaa = Weellisaa, walaleessaa fi sabboonaa
| Akaakuu =
| Meeshaa =
| Bara hojjate = ? - 1996
| Waliin hojjate = [[Hirphaa Ganufuree]], [[Dawit Mekonen]], [[Dagim Mekonen]], [[Habtamu Lamu]]
}}
}}



Foyyeeffata hamma 12:54, 4 Fulbaana 2015

{{{Maqaa}}}
File:EbisaAdunya.jpg
Maqaa dhalootaa: Eebbisaa Addunyaa
Guyyaa dhalootaa:
Bakka dhalootaa: Dambi Doolloo
Guyyaa du'aa: Hagayya 30, 1996
Bakka du'aa: Finfinnee
Ogummaa: Weellisaa, walaleessaa fi sabboonaa
Akaakuu:
Meeshaa:
Bara hojjate: ? - 1996
Waliin hojjate: Hirphaa Ganufuree, Dawit Mekonen, Dagim Mekonen, Habtamu Lamu

Eebbisaa Addunyaa weellisaa beekkamaa fi qabsaawa mirga Oromoo ti. Kan inni ittiin beekkamu keessaa tokko walleesaa kan gootummaa faarsuu fi deeggarsa olaanaa ABOf, dhaabbata Oromoon hiree isaa ofiin akka murteeffatuuf qabsaawu, qabuuni. Eebbisaan Humna Poolisii Federaalatiin gaafa Hagayya 27, 1996tti manaasaa isa Finfinnee jiru keessatti ajjeefame.

Ebbisaan kan dhalate naannoo Oromiyaa Wallagga Lixaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti. Eebbisaan maatiisaaf ilma angafa yoo ta'u obboleeyyan dhiiraa 2 fi durbaa 3 qaba. Eebbisaan nama kennaa qabuu fi dargaggeessa kabajamaa ture. Barumsaa sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Oliiqaa Dingilitti kan barate yoo ta'u, barumsa sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Qeellamitti barate. Eebbisaan qormaata biyyoolessaa fudhatee waan darbeef yuunivarsiitii galee barachuuf qophaa'aa ture.

ABOtti Makamuusaa

Bara 1991, odoo Eebbisaan ramaddii yuunivarsiitii eeggachaa jiruu, humnoonni ABO, ABUT(TPLF), fi ADWUI(EPLF) mootummaa Dargii kuffisan. Magaalaa Eebbisaan keessa jiraatu Dambi Doolloo keessatti, ABOn buufata waraana guddaa dhaabe. Yeroo sana, Eebbisaan haalli jireenya ummata Oromoo garbrummaa ta'uusaa waan hubateef akkasumas barbaachisummaa Oromoon hireesaa ofiif murteeffachuuf qabu waan itti amaneef, kanaaf qabsaawuuf jecha dhaqee ABOtti makame. Eebbisaan jalqaaba akka daballeetti kan leenji'e yoo ta'u dandeettii addaa waan agarsiiseef, buufata ABO kan Dambi Doolloo keessatti leenjisaa dabballootaa ta'ee muudame. Dandeettii waraanaa qofa odoo hin taane, Eebbisaan dandeettii sirbaas ni qaba ture; kennaa sagalee isa qabu bukkeetti meeshaalee muuziqaa baayyees ni tabata. Sababa kanaaf, Eebbisaan hawwisoo ABOtti makamee aadaa, wallee, fi eenyummaa Oromoo mullisuurratti ga'ee guddaa tabate.

Bara 1991 fi 1992 guutummaassa, Eebbisaan Oromiyaa keessa naannoo adda addaa (kibba, kibba lixaa, giddu galeessa, dhiha) deemee weellisaa ture; sirboonni isaa sirba aadaa yoo ta'an ergaansaanii garuu kan warraaqsa (revolution) kakaasan turani. Eebbisaan, sirboota isaatin hacuuccaa ummata Oromoorra ga'u ifatti baasee kan ibsu yoo ta'u karaa ittiin Oromoon mirga isaa gaafatuu fi falmatus ni ibsa.

Akka nama dhuunfaatti, Eebbisaan nama gara laafessa ture; ummata Oromoo garaa guutudhaan jaalata ture, baayyee dimmaafis ture. Eebbisaan namoota gargaaruu fi dhimmuufiif nama duubatti hin jenne ture; obboloota isaa, firootasaa, ollaasaa, namoota gargaarsa barbaadan kamiyyuu ni gargaara ture. Eebbisaan artisitii baayyee jaalatamaa, dinqisiifamaa, fi saboonaa dha. Eebbisaan jalqabaa qabee gootummaadhaan beekkama. Erga ABOn biyyaa ba'ee geggeessitoonni isaa biyyaa baqataanii ABO dhoksaadhaan socho'uu jalqabee boodalle, Eebbisa sirba isaatin hammenya mootummaan Itoophiyaa ummatarraan ga'u ibsuu hin dhiifne. Eebbisaan baayyee ija jabeessa, kan hin sodaanne fi ifatti hojii shororkeessummaa mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoorraan ga'u balaaleffachuurraa duubatti jedhee hin beeku. Deeggarsa WBOtif qabus amma dhumaatti ittuma fufe.

Sababa Eebbisaan ija jabeessa ta'eefi ifaan ifatti ajjeechaa fi sarbama mirgaa mootummaan Itoophiyaa raawwatu balaaleffatuuf, ofuma isaayyuu ilaalcha mootummaa keessa akka galu godhe. Akka Oromia Support Group Press Release No 17 jedhutti, nama umurii 26 kan ta'e hiriyaan Eebbisaa mootummaan akka isaan hordofaa fi too'achaa(surveillance) akka jiru bare; Eebbisa iddoowwan waltajii adda addaatti konkolaatadhaan kan geessu isa ture. Gaafa Hagayya 30, 1996 Eebbisaa Addnuyaa ergamtuu mootummaa Itoophiyaatin manasaa keessatti Finfinneetti ajjeefame.

Ajjeefamuusaa

Akka gabaasa Oromia Support Group Press Release No 14 kan Onkoloolessa 1996tti: weellisaa sabboonaa Oromoo Eebbisaa Adduynaa fi hiriyaansaa Xanna Wayyeessa ergamtuu humna nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin gaafa Hagayya 30, 1996tti ajjaeefame. Yeroo namoonni meeshaa waraanaa hidhatan manasaa cabsanii seenan Eebbisaan manasaa kan naannoo Shiroomeedaa lakk 094, Olaanaa 13, Ganda 01 jiru keessa jira ture. Mannisaa kun kaaba Imbaasii Ameerikaa kan Finfinneetti argama.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, reeffi mana keessaa harkifamee konkolaataa Laandi Rooverii kan lakkoofsa eeyyamaa mootummaa qabutti (government license plate) fe'ame. Ergamtoonni mootummaa warri isa ajjeesan jalqaba namoonni karaarraa akka sokkan godhan. Namoonni dhukaasa qawwee dhaga'anii manaa gadi bahanii ilaalan gara manaatti akka ol deebi'an ajajaman. Reeffi isaanii guyyaa itti aanuu hospitaala Minilik kutaa reeffaa keessaa argame. Erga Eebbisaan ajjeefamee maatin Eebbisaa rukkuttaa mootummaa keessa galan; ergamtoota DhDUO kan Dambi Doollotiin hacuuccaa fi miidhaa baayyetu isaanirra ga'e. Obboleessisaa Ashannaafiin ergamtoota Wayyaanee fi DhDUOtin si'a baayyee hidhamee.

References